Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti bara darbee biqiltuu dhaabbate keessaa biiliyoonni 3.8 lateera-Obbo Abarraa Warquu

Finfinnee, Amajjii 3, 2014 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti bara darbee biqiltuu dhaabbate keessaa biiliyoonni 3.8 lateera jechuun Hogganaan Biiroo Qonnaa naannoo Oromiyaa Obbo Abarraa Warquu ibsaniiru.

Hojii kunuunsa qabeenya uumamaa baroota darbe hojjetamaa turaniin bu’aan qabatamaan argamaa jiraachuu Obbo Abarraa Warquu ibsaniiru.

Hojii tajaajila lammummaatiin hojjetamaa ture keessatti mootummaaniifi ummanni xiyyeeffannoo addaa itti kennuun kunuunsa qabeenya uumamaa akka naannoo Oromiyaatti  bara darbe hojjetameen biqiltuu biiliyoona 4.2 dhaabbate keessaa biqiloonni biiliyoonni 3.8  latuu himaniiru.

Bara kanas akka naannoo Oromiyaatti biqiltuu biiliyoon 4.8 dhaabuuf karoorfamee sanyiin biqilootaa bakka kunuunsa biqilaatti faca’uun kunuunfamaa jiraachuu Obbo Abarraa Warquu  ibsuusanii ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaarra argame ni muul’dhisa.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.