Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti Namoonni Dabalataa 86 Vaayrasii Koroonaatin Qabaman

Finfinnee, Hagayya 1, 2012 (FBC) – Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni dabalataa 86 vaayrasii koroonaatin qabamuu ibsameera.
Gabaasa sa’aa 24 naannoo Oromiyaatin qorannaa laabraatoorii 1771 hojjetameen namoota 86 irratti vaayrasiin koroonaa argamuu Biiroon Fayyaa Oromiyaa beeksise.
Hanga yoonaatti naannichatti qorannaan laabraatoorii 50,789 kan hojjetame yoo ta’u, yaalarra kan jiran namoota 1305.
Namoonni haaraan 44 ammoo dhibichaarraa kan dandamatan yoo ta’u, waliigala namoonni 494 dandamataniiru.
 
Namni tokko wallaansa cimaa keessatti argama.
 
Walumaagalatti vaayrasichaan namoonni lubbuun isaanii darbe 24.
Naannichatti walumaa galatti namoonni 1823 vaayrasii koroonaatin qabamuu biirichi eerera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.