Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti pirojektoonni madda humna elektirikii lama Birri Biiliyoona 10’n ijaaramaa jiru-HEI

Finfinnee, Bitootessa 12, 2016(FBC)- Naannoo Oromiyaatti pirojektoonni madda humna elektirikaa lama Birrii biiliyoona 10’n ijaaramaa jiraachuu Humni Elektirikii Itiyoophiyaa beeksise.

Humni Elektirikii Itiyoophiyaa hoggantoota hojii damichaa Naannoo Oromiyaa waliin mari’ateera.

Hoji Raawwachiisaa Olaanaan Humnichaa Injiinar Ashabbir Baalchaan, waltajjiin marichaa damee dhiyeessii humnaan dhaabbanni isaanii ijaarsa bu’uuraalee misoomaarratti qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin rakkoolee mudatan furuuf kan kaayyeeffate ta’uu ibsan.

Naannawaa bu’uuraaleen misoomaa elektirikii ijaaramanii fi irraa darbanitti eegumsa nageenyaa taasisuurraa eegalee gaaffii kaffaltii beenyaa fi daangaa kabachiisuu furuuf gaheen naannolee fi caasaalee bulchiinsa sadarkaan jiran olaanaa ta’uu dubbatan.

Naannoo Oromiyaattis pirojektonni madda humna elektirikii lama Birrii biiliyoona 10’n ijaaramaa jiraachuu eeraniiru.

Akkasumas pirojektiin buufata raabsaa fi sarara dabarsaa torba Birrii biiliyoona 16.5 oliin ijaaramaa jiraachuu dubbataniiru.

Ta’us, bu’uuraalee misoomaa elektirikii haaraa fi kan turan irratti yakkoonni hannaa raawwataman dhaabbaticha miidhaa olaanaaf saaxilaa fi pirojektootas duubatti harkifachiisaa jiraachuu ibsaniiru.

Dabalataan Injinar Ashabbir akka jedhanitti, dhaabbatichi bu’uuraaleen misoomaa elektirikii ijaarsisu faayidaan damee diinagdee, hawaasumma fi siyaasaa keessatti qaban olaanaa waan ta’eef, mootummaa fi hawaasni eegumsa taasisuu qaba.

Fuuldurattis, dhaabbatichii mootummaa naannichaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuun, waliin gahiinsa elektirikii guddisuuf xiyyeeffannaan kan hojjetu ta’uu mirkaneessuu ragaan humnicharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.