Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf biqiltuu biiliyoonni 5.2 qophaa’eera-BQO

Finfinnee, Bitootessa 25, 2016 (FBC)-Naannoo Oromiyaatti sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf biqiltuu biiliyoona 5.5 qopheessuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti biqiltuun biiliyoonni 5.2 qophaa’uu Biiroon Qonnaa Oromiyaa ibse.

Sagantaa Ashaaraa Magariisaan waggoottan arfan darbanitti biqiltuun biiliyoonni 18.8 dhaabamuu fi biiliyoonni 18.3 latuu Hogganaa Ittaanaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Eliyaas Kadiir Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeetitti himaniiru.

Naannichatti sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaan biqiltuun biiliyoonni 4.9 kan dhaabamu ta’uu eeruun, hanga ammaatti biqiltuun biiliyoonni 5.2 qophaa’uu ibsaniiru.

Biqiltuuwwan kunneen kuduraalee fi muduraalee dabalatee mukkeen bosonaa leemman fa’aa ta’uu Obbo Eliyaas eeraniiru.

Barana walakkeessa Baatii Waxabajjiirraa eegalee biqiltuuwwan dhaabuun kan jalqabamu ta’uus dubbataniiru.

Dabalatan, hojiilee eegumsa biyyeef bishaaniin barana lafa heektara miiliyoona 3.2 irratti sululoonni kuma 6 fi 400 ol misoomuu kaasaniiru.

Hojiilee misooma sululaa yeroo bonaa hojjetaman dhaabbii fi guddina biqiltuuf galtee ta’uu akeekaniiru.

Gama kanaan hojiin fakkeenyummaa gaarii qabu hojjetamuus eeraniiru.

Tsahaay Gulummaatu gabaase

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.