Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf biqiltuun biiliyoonni 4.6 ol qophaa’uu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 29, 2014 (FBC) – Oromiyaatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf biqiltuun biiliyoonni 4.6 ol qophaa’uu Biiroon Qonnaa naannichaa ibseera.

Naannichatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf biqiltuu biiliyoona 4.828 qopheessuuf karoorfamee, biqilituun biiliyoonn 4.6974 qophaa’uu biirichi ibseera.

Biqiltuun  kunneen lafa hojiin misoomaa sululaa irraatti hojjetame,lafa waliinii, lafa dhuunfaa, gaarreen haftee bosonaa qabanii fi hin qabne, daandiiwwan cinaa, maasaa qonnaan bulaa cinaa fi keessaa, dhaabbilee amantaa, mootummaa, miti- mootummaa fi gidduu gala ikkoo tuuriizimiif filataman keessatti kan dhaabbatan tahuu Ittaanaan Hogganaa fi Itti gaafatamaan Damee Qabeenya Uumamaa fi Wabii Nyaataa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Eeliyaas Kadir himaniiru.

Qophii biqiltuuf xiyyeeffannoo kennuun ‘model nursery’ deeggaruunii fi galteewwan yeroon dhiyeessuun biqiltuun baayyinaafi qulqullinaan qophaa’uu eeraniiru.

Biqiltuu dhaabbiif qophaa’an kanneen keessaa miiliyoonni dhibbi 4 fi miiliyoonni 52 nyaata namaaf kan oolan ta’uu ibsameera.

Godinaalee Arsii Lixaa, Baalee, Gujii, Gujii Lixaa fi Booranaa keessatti dhaabbiin biqiltuu eegalamuu eerameera.

Haga ammaatti biqituun miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 46.43 lafa heektaara kuma 57 fi 310 irratti dhaabbachuu ibsameera.

Waggoottan darban sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltuu dhaabbateen, waliingeettiin bosonaa Naannoo Oromiyaa %15 irra ture gara %26.6’tti guddachuu ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.