Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti waggoottan darbanitti hojiileen hojjetaman jiruuf jireenya Ummata fooyyessaa jiru-BKO

Finfinnee, Bitootessa 17, 2016 (FBC)-Naannoo Oromiyaatti waggoottan darbanitti hojiilee damee diinagdee fi hawaasummaan hojjetamaniin jiruuf jireenyi ummataa fooyya’aa jiraachuu Hogganaan Biiroo Koominikeeshinii Oromiyaa Obbo Haayiluu Addunyaan ibsan.

Obbo Haayilu Addunyaan, naannichatti jijjiramaan dura diinagdeen qonnaa fi indaastirii qofarratti xiyyeeffatee ture dameele garaagaraatti babal’achu danda’uu himan.

Keessattuu damee qonnaan naannichatti wabii nyaataa mirkanneessuuf, oomishaalee alaa galan biyya keessatti omishuu, omisaalee gaba alaaf dhiyaatan bal’inaan oomishuun carraa hojii namoota hedduuf uumuuf hojjetamaa turu eeraniiru.

Haaluma kanaan Naannoo Oromiyaatti, jiruu fi jireenya horsiisee bultootaa fooyyessuuf, qaala’iinsa gabaa tasgabbeessuuf, carraa hojii uumuu fi hawatummaa invastimantiin hojiileen garaagaraa hojjetamuu Obbo Haayiluun ibsaniiru.

Akkasumas dameelee misooma hawaasummaan, barnootaa fi fayyaan waggoottan darbanitti hojiilee guddina hawaasummaa tarkaanfachiisan hojjetamuu himuu TOI gabaaseera.

Bara 2016’tti barattoonni miiliyoonni 5.3 manneen Barnoota keessatti nyaataa argachaa jiraachuu ibsaniiru.
Waggoottan darbanitti dhaabbiileen fayyaa kumni 1 fi 500 ijaaramuu Obbo Haayiluun dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.