Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti wiirtuleen laaboraatoorii qorannaa vaayrasii koroonaa hojii jalqabuufi

Finfinnee, Bitootessa 24, 2012 (FBC) – Oromiyaatti wiirtuleen laaboraatoorii qorannaa vaayrasii koroonaa hojii jalqabuufi.

Wiirtulee kanneenis yuunvarsiitota naannicha keessa jiran waliin qindoomuun hojiitti galchuuf Biiroon Fayyaa Oromiyaa hojjechaa jira.

Mootummaa naannichaatti sadarkaa itti aanaa preezidaantiitti hogganaan kilaastara hawaasummaa obbo Addisuu Araggaan akka beeksisanitti, wiirtuleen kanneen Adaamaa, Jimmaa, Naqamtee fi Haramaayaatti hundeeffamaa jiru.

Wiirtuuleen laaboraatoorii qorannaa vaayrasii koroonaa Haramaayaa fi Jimmaa, Yuunvarsiitii Haramaayaa fi Yuunvarsiitii Jimmaa waliin qindaa’uun kan hundeeffamanidha.

Laaboraatooriiwwan kunneen guyyoota muraasa keessatti hojii qorannaa samuudaa dhiigaa kan eegalan ta’uu obbo Addisuun beeksisaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.