Fana: At a Speed of Life!

Oromoon Aadaa, Seenaasaa fi eenyummaasaa guddifachuuf yeroon qaama biraa gaafatu darbeera- Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Caamsaa 17, 2014 (FBC) – Uummanni Oromoo aadaa fi duudhaasaa ganamatti deebi’uun tokkomee jijjiiramaaf hojjechuuf yeroon qaama biraa gaafatu darbeera jedhan  Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa jiruu fi jireenya hawaasa naannichaa jijjiiruuf diinagdee, barnoota, teknoloojii fi sirna jabaa ijaaruurratti fuulleffatee hojjetaa jiraachuu Obbo Shimallis ibsaniiru

Galma gahiinsa kaayyoo kanaaf tajaajila lammummaa, Mana Murtii Aadaa, Gaachana Sirnaa fi Buusaa Gonofaarratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Oromoon aadaa, seenaasaa fi eenyummaasaa  guddifachuuf yeroon qaama biraa gaafatu darbeera kan jedhan Preezidaant Shimallis, Oromoon tokkomee jijjiiramaaf hojjechuu akka qabus dhaamaniiru.

Buusaan Gonofaa Oromiyaa Qabeenya,beekumsaa fi dandeettii hawaasa naannichaa qindeessuun hawaasni balaa uumamaa fi nam-tolcheef akka hin saaxilamneef kan hojjetu ta’uu Hoogganaan Buusaa Gonofaa Oromiyaa Obbo Musxafaa Kadir dubbataniiru.

Aadaa fi duudhaan walgargaarsaa Buusaa Gonofaa akka dagaaguuf sosochii har’aa akka naanootti eegalame hanga aanaatti kan itti fufu ta’uu ragaan Biiroo Dhimmootaa Kominikeeshinii Mootummaa Naannichaarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.