Fana: At a Speed of Life!

Oromoon mirga of ta’uu gonfateera- obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Waxabajjii 22, 2014 (FBC) – Oromoon mirga of ta’uu gonfachuu Preeezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.

Oromoon hiree waa murteessuu argate kanatti fayyadamee wantoota sadii milkeessuu akka qabu dhaamaniiru.

Diinagdeen jabaachuu;barnoota ammayyaan of cimsuu fi aadaa qusannaa jabeessuu qaba jedhan.

Preezedaant Shimallis Abdiisaan gamoo Waajjira Bulchiinsa Godina Baalee Birrii miliyoona 70 oliin ijaarame eebbisaniiru.

Obbo Shimallis eebbicharratti yaada kennaniin Oromoon afaan qofaan kan isa faarsuu fi boo’ee boossisu osoo hin taane kan hojii qabatamaan fedhii isaa guutuuf barbaada jedhaniiru.

Jeneraal Waaqoo Guutuu gabrummaa Oromoo irraa kaasuuf qabsaa’anii firii injifannoo Oromoo utuu ijaan hin argin darbanus ilmaan isaan itti guddisan aarsaa qaqqaalii kaffaluun mirga abbaa biyyummaa Oromoo kabachiisanii Oromoon abbaa biyyaa ta’uu fi  mul’anni isaaniis milkaa’uu ibsuu OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.