Fana: At a Speed of Life!

Paakistaanitti haleellaan badee balleessaan raawwate lubbuu namoota 50 galaafate

Finfinnee, Fulbaana 18, 2016 (FBC) – Paakistaan bulchiisa Balochistan jedhamutti dhohiinsi Boombii bakka namoonni ayyaana Mawuliidaa kabajuuf walitti qabamanitti raawwate lubbuu namoota 50 galaafachuu gabaafameera.

Bifuma wal-fakkaatun dhohiinsi Boombii Paakistaan magaala Peeshawaar jedhamtu masjiida keessattis mudateera.

Dhohiinsa iddoo kanatti mudateen hanqa ammaatti miidhan qaqaqqabsiise kan hin baramne ta’uu Poolisiin biyyattii beeksiseera.

Poolisiin bulchiinsa Baalochistaan haleellaa namoota heddu galaafate kana kan raawwate nama badee baleessaa ta’uu eereera.

Dhohiinsa kanaan namoota du’an keessaa tokko qondaala poolisii olaanaa ta’uu Ajajaan Poolisii Baloochistaan Abdul Khaaliq Sheek ibsaniiru.

Haleellaan namoota heddu galaafate kun gocha fokkisaa fi haleellaa shororkeessummaa ta’uu Ministirri Ministeera Dhimma Biyya Keessaa Paakistaan Sarfiraaz Bugti ibsaniiru.

Baatii Adoolessaa darbe keessas haleellaa boombii badee balleessan qaqqabsiisen namoonni 40 ajjeefamuun kan yaadatamuudha.

Bulchiinsi naannichaa labsii yeroo ariifachiisaa labsus hanga ammaatti qaamni itti gaafatamummaa fudhate hin kan hin argamne ta’uu BBCn gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.