Fana: At a Speed of Life!

Paarkiin Indaastirii Adaamaa bara 2014tti daldala alaarraa galii Doolaara miiliyoona 15 ol argate

Finfinnee, Hagayya 2, 2014(FBC)- Paarkiin Indaastirii Adaamaa bara baajataa 2014 daldala alaarraa galii Doolaara miiliyoona tti al-ergiirraa galii doolaara Ameerikaa miiliyoona 15 ol argachuu ibsame.

Sheedota paarkichi qabu 19 keessaa sheedonni 16 hojiitti galuu Hogganaan Paarkii Indasatirii Adaamaa Obbo Darribee Dabalee ibsaniiru.

Oomishaalee uffata suufii, halluu fi kirrii paarkicha keessatti oomishamuun  alatti ergaman irraa bara baajataa 2014tti galiin Doolaarri miiliyoonni 15 fi kumni 800 argamuu Obbo Darribeen himaniiru.

Oomisha halluu gabaa biyya keessaatiif dhiyaaterraa ammoo galiin Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 49 argamuu eeraniiru.

Paarkicha keessatti lammiileen kumni 8 fi 800 ol carraa hojii argachuu OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.