Fana: At a Speed of Life!

Paarkiin Indaastirii Maqalee gara hojiitti deebi’e

Finfinnee, Bitootessa 13, 2016 (FBC) – Paarkiin Indaastirii Maqalee hojii eegaluu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Korporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Indaastii Obbo Akliluu Taaddasaan ibsan.

Walitti bu’iinsa Kaaba Itiyoophiyaatti mudate hordofee waggoottaan darbaniif hojii dhaabee kan ture Paarkichi hirmaannaa olaanaa taasiifameen har’a hojii eegaluu Obbo Akliluun himaniiru.

Dhaabbileen Paarkicha keessatti oomisha garaagaraa oomishaa turan gara hojiitti akka deebi’anii fi abbootiin qabeenyaa haaraan Indaastiricha keessatti hojii akka jalqabaniif hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Paarkichi guutummaan adeemsa oomishaatti akka seenu, bu’aa qabeessummaan isaa akka dabaluu fi naannawaa Invastimantii mijataa uumuuf qooda fudhattoota waliin tattaaffiin kan taasiifamu ta’uu eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.