Fana: At a Speed of Life!

Paarkoonni Indaastirii Qindaa’aa Qonnaa oomisha gara biyyatti galu bakka buusuuf dandeettii guutuu akka qaban Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii beeksise

Finfinnee, Amajjii 4, 2013 (FBC)- Paarkoonni Indaastirii Qindaa’aa Qonnaa oomisha gara biyyatti galu bakka buusuuf dandeettii guutuu akka qaban Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii beeksise.
Paarkoonni Indaastirii Qindaa’aa Qonnaa oomisha gara biyyatti galu bakka buusuuf dandeettii guutuu akka qaban Deettaan Ministira Daldalaa fi Indaastirii obbo Ishatee Asfawa himaniiru.
Hooggantoonni Ministeera Daldalaa fi Indaastirii fi Biiroowwan Daldalaa fi Gabaa akkasumaas Indaastirii fi Invaastimantii Naannoo Amaaraa paarkii indaastirii Agroo Bureetti dhaabbilee gara hojiitti galanii fi dhaabbata zayta nyaataa daawwataniiru.
Daawwanichaan 97% hojiin ijaarsaa isaa kan xumurame indasrtiin agroo Buree oomisha garagaraa 7 irratti kan bobba’e indaastiriin Agroo Fiichlaand oomisha zaytaa irratti kan bobba’an dhaabbanni chaayinaa gara hojiitti galeera.
Baasii Birrii biiliyoona 4.5n gara hojiitti kan gale fi zayta nyaataa liitra miiliyoona 1.5 oomishuun fedhii zaytaa biyyattii 60% kan guute qindeessaan zayta nyaataa Fibeelaa daawwatameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya
https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.