Fana: At a Speed of Life!

Paartiin Badhaadhinaa ajjeechaa lammiilee nagaarratti raawwate kan balaallefatu ta’uu beeskise

Finfinnee, Muddee 15, 2013 (FBC) – Paartiin Badhaadhinaa ajjeechaa eenyummaa bu’ura godhachuun lammiilee nagaarratti raawwate kan balaalleffatu ta’uu beeskise.

Paartiin Badhaadhinaa ajjeechaa eenyummaa bu’ura taasisuun naannoo Beenishaanguul Guumuuz godina Matakkal aanaa Bulaniitti lammiilee nagaarratti raawwate jabeessee kan balaallefatu ta’uu ibseera.

Haleellaan eenyummaa bu’ura taasiisuun lammiilee nagaarratti raawwatu bu’aa siyaasaa kamiiyyuu kan hin argamsiifne ta’uu ibsa baaseen eereera.

 

Naannichatti haleellaan irra deddeebiin eenyummaa bu’ura taasiisuun raawwatu hawaasa kamiiyyuu kan bakka hin buune, shira daldaltootaa siyaasaa ta’uu ummaanni hubachuu akka qabu Paartiin Badhaadhinaa ibsa dhimmicha ilaalchisuun baaseen kaasera.

 

Qaamolee haleellaa lammiilee nagaarra ga’aa jiru keessa harka qabanii fi rakkicha furuuf itti gaafatamummaa irraa eeggamu hoggantoo hin baanerratti tarkaanfiin Siyaasaa, seeraa fi bulchiinsaa cimaa ta’e kan fudhatamu ta’uu inseera.

 

Farreen nageenyaa lammiilee nagaa hirmaannaa siyaasaa tokkollee hin qabne eenyummaa isaanii qofaan gocha garaa jabinaa irratti raawwatan cimsee kan balaaleeffatu ta’uu paartichi ibseera.

 

Humna badii kanneenirratti tarkaanfii jabaa fudhachuun nageenyi lammiilee akka eeggamuf paartichi murannoon kan qabsaa’u ta’uu eerera.

 

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

 

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.