Fana: At a Speed of Life!

Paartiin Raashiyaa bulchu paartii Badhaadhinaa dabalatee paartiilee bulchiinsa biyyoota Afrikaa garagaraa waliin mari’ate

Finfinnee, Fulbaana 11, 2013 (FBC) – Paartiin Raashiyaa bulchu paartii Badhaadhinaa dabalatee paartiilee bulchiinsa biyyoota Afrikaa garagaraa waliin viidiyoo konfaransiin mari’ate.
 
Konfaransiin kun paartii ‘Yuunaayitiid Raashiya’ kan qophaa’e yoo ta’u, paartiin Badhaadhinaa, ‘ANC’ Afrikaa Kibbaa, ‘APC’ Naajeeriyaa, ‘FLN’ Aljeeriyaa dabalatee paartiileen bulchiinsa biyyoota Afrikaa 13 hirmaataniiru.
 
Kaayyoon marichaa hariiroo paartiilee cimsuuf jedhame.
 
Sosochii siyaasaa, weerara vaayrasii koroonaa fi yaada bu’uraarrattis mari’atameera.
 
Paartiin Badhaadhinaa gaaffiilee demookraasii fi misoomaa bara dheeraa deebisuuf bifa haaraan gurmaa’uu itti gaafatamaan Quunnamtii ummataa fi hariiroo idila addunyaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Dooktar Biqilaa Hurrisaan marii kanarratti kaasaniiru.
 
Paartichi hundeeffama isaarraa eegalee riifoormii Siyaasaa gaggessuun dirree siyaasaa babal’isuurratti hojiilee qabatamaa hedduu hojjechuu ibsaniiru.
 
Dooktar Biqilaan, paartichi hammataa fi hunda walqixa keessummeessuuf dursa kan laatu ta’uu eeraniiru.
 
Haaluma ummataaf waadaa galeen guddina biyyaa fi demookraasii dhugoomsuuf cimee itti fufa jedhan.
 
Caaseeffama ijaarsaa paartichaa fi hoggansa ga’umsa qabu horachuuf cimee hojjetaa jiraachuu himaniiru.
 
Weerarri vaayrasii koroonaa miidhaa hamaa osoo hin qaqqabsiisiin mootummaan tarkaanfii fudhataa jiru konfaransirratti kaasaniiru.
 
Itti aanaa itti gaafatamaan dhimmoota alaa paartii Raashiyaa bulchuu Koomishinarri Andiree Kilmoov gama isaaniin paartii Badhaadhinaa waliin hojjechuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru.
 
Paartiilee biyyoota Afrikaa garagaraa waliin hariiroo cimsuuf Finfinneerratti waltajjiiwwan adda addaa kan gaggeessan ta’uu eeraniiru isaanii ragaan Waajjira Paartii Badhaadhinaarraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.