Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Putiin yaadni nagaa Afrikaa nageenyaa Yaashiyaa-Yuukireeniif bu’uura ta’uu mala jedhan

Finfinnee, Adoolessa 23, 2015 (FBC)- Pireezidaantiin Raashiyaa Viidmiir Putiin yaadni nagaa dureewwan Afrikaan dhiyaate dhaabbachuu waraana Raashiyaa-Yuukireeniif bu’uura ta’uu akka malu dubbatan.

Rooyitarsiin wabeeffachuun Aljaziiraan akka gabaasetti, karoora nagaa dureewwan Afrikaa dhiyeessan guutummaatti ifoomsuu baatanis, walitti bu’iinsicha tasagabbeessuuf tarkaanfiiwwan walitti fufiinsaa kan akeekeedha jedhan.

Kanneen keessaas, loltoonni Yuukireen duubatti akka deebi’an, meeshaa waraanaa niwukilaraa tarsiimawaa Raashiyaa Beelaaruus keessaa baasuu, Manni Murtii Waraanaa Idil Addunyaa (ICC) ajaja hidhaa Putiin irratti baase dhaabuu fi yeroo hafura fudhannaa qoqqoobbii fa’aa ta’uun eerameera.

Ta’us, Yuukireen fuulduratti tarkaanfachaa fi haleellaa tooftaan dabalame gaggeessaa jirti kan jedhan Putiin, haala kana keessatti dhukaasa dhaabuun kan hindanda’amne ta’uu dubbataniiru.

Yaadni nagaa dureewwan Afrikaan dhiyaates akkuma gama Chaayinaan dhiyaate furmaataa nagaaf bu’uura ta’uu akka danda’u akeekaniiru.

Bara Faranjootaa haaraa gara jalqabaatti yaada nagaa Chaayinaa abbaa qabxii 12, Yuukireenitti tasgabbiin akka mirkanaa’uu fi dhukaasni akka dhaabbatuuf kan gaaafatu ta’uun himammeera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.