Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Saahilawarq Zawdeen Ittaantuu Seekreetariyaat Jeneraalaa Eegumsa Naannoo DhMG waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 18, 2015(FBC)- Pireezidaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen Ittaantuu Seekreetariyaat Jeneraalaa Eegumsa Naannoo Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Eelsaabeet Meerimaa waliin mari’achuu ibsame.

Rakkooleefi furmaata eegumsa naannoorratti mul’atan irratti mari’achuu eerameera.

Pireezidaanti Saahilawarq wayita Naayiroobii turan dubartoonni sadarkaa hoggansa olaanaarra akka gahaniif hojiileen ijaarsa dandeettii hojjetamuu akka qabu ibsaniiru.

Eelsaabeet Meerimaanis hoggansa kanaaf muudamuu isaaniif ergaa baga gammaddanii dabarsuu isaanii ragaan Waajjira Pireezidaantiirraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.