Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Saahilawarqi Lammiilee Itiyoophiyaa Siwiizarlaand jiraatan waliin mari’atan

Finfinnee, Ebla 5, 2016 (FBC) –Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawdeen lammiilee Itiyoophiyaa Siwiizarlandii jiraatan waliin mari’ataniiru.
Pireezidaant Saahilawarq Fooramii tumsa idil Addunyaa 3ffaa Siwiizarlaand Magaalaa Baaziliitti qophaa’e cinaatti lammiilee Itiyoophiyaa waliin marii gaggessuun isaanii ibsameera.
Diyaaspoorawwan hariiroo fi hirmanna biyya isaanii cimsuu akka qaban Pireezidaanti Saahilawarqi ibsaniiru.
Itiyoophiyaanonni gatii nageenyaa hubachuun rakkoolee jiran aadaa mariin furuu guddisuu akka qaban eeruun, kanaafis hundi dirqamaa isaa akka bahatu hubachisaniiru.
Jeneevaatti Ergamaan Addaa Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Tsaggaa’ab Kababaw gamaasaaniin, hirmaattoonni mariichaa yaada fi gaaffii qaban ifatti dhiyyeessuu isaanii dinqisiifataniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.