Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Saahilawarqi Zawudeen Gita isaanii Giriik Waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 11, 2016 (FBC)- Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawudeen Gita isaanii Giriik Kaatiriinaa Sakelaroppooluu waliin mari’ataniiru.

Pireezidaanti Saahilawarqi Yaa’ii Hoggantoota Siyaasaa Dubartootaa Giriik Ateensitti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jiru.

Yaa’ichaan cinaatti Pireezidaanti Saahlawarqi michimmaa fi walta’iinsaa seena qabeessaa Girikii fi Itiyoophiyaa gidduu jirurratti gita isaanii Giriik Kaatiriinaa Sakelaroppooluu waliin mari’ataniiru.

Pireezidaanti Saahilawarqi wayita marichaatti Itiyoophiyaa fi Giriik gidduu hariiroo gamlamee jiruu cimaa jiraachuu eeranii hariiroo kanas gara sadarkaa caaluutti ceesisuuf fedhii jiru ibsaniiru.

Kaatiriinaa Sakelaroppooluu gama isaaniin akkuma hawaasni Itiyoophiyaa Giriik keesa jiraatu hawaasni Giriik Itiyoophiyaa keessa waggoota dheeraaf jiraachuu eeran.

Hawaasni kunis michimmaa biyyoota lameenii cimsuu keessatti gumaachuu fi keessumaa damee aadaan walta’iinsa biyyoota lameenii jiru cimsuu keessatti tumsa taasisuu himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.