Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Saalvaa Kiir badhaasaa Nishaanii olaanaa biyyattii Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa badhaasan

Finfinnee, Bitootessa 12, 2016 (FBC) – Pireezidaantiin Sudaan Kibbaa fi Ajajaa Olaanaan Humna Waraanaa Waliigalaa biyyattii Saalvaa Kiir Maayaardiit Badhaasaa Nishaanii olaanaa biyyattii Itaamaajoor Shuumii Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa badhaasaniiru.

Sirna badhaasaa Masaraa Mootummaa biyyattiitti gaggeeffameen Pireezidaanti Salvaa Kiir, Wareegama mootummaa fi Raayyaan Ittisaa Itiyoophiyaa bilisummaa fi birmadummaa Sudaan Kibbaaf taasiisaniif badhaasa badhaasa olaanaa kana gumaachuu ibsaniiru.

Raayyaan Ittisaa fi Mootummaan Itiyoophiyaa waayita rakkoo oolmaa guddaa Ummata Sudaan Kibbaaf oolte ta’uurra darbee bilisummaa fi kabaja ummata Sudaan Kibbaaf wareegama lubbuu dabalatee Sudaan Kibbaa akka biyyattii akka dhaabbatuuf gatii kaffalaniif galata guddaa qabaachuu Pireezidaanti Saalvaa Kiir himaniiru.

Badhaasni kunis Obboleeyyaan yeroo rakkoo waliif birmanuu fi walcanaa dhaabbannu, ilmaan maatii tokkoo dhiigaan walitti hidhamne ta’uu keenya mirkaneessuuf badhaasa kenname jedhan Pireezidaanti Saalvaa Kiir.

Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaanis badhaasa kennameef galateeffachuu ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.