Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Shimallis ummanni sagantaa Ashaaraa magariisaan guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 481 dhaabuuf karoorfamerratti akka hirmaatan waamicha dhiyeessan

Finfinnee, Adoolessa 2, 2015 (FBC) – Pireezidaantiin Bulchiinsa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ummanni sagantaa Ashaaraa magariisaan guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 481 dhaabuuf karoorfamerratti akka hirmaatan waamicha dhiyeessaniiru.

Ergaan isaanii haala armaan gadiin dhiyaateera.

Ummanni, ogeeyyiniifi hooggansi naannoo keenyaa, milkaa’ina Sagantaa Ashaaraa Magariisaa waggoottan arfan darbanii keessatti shoora guddaafi fakkeenyummaa olaanaa qabdu.

Sagantaa bara darbee irratti, guyyaa tokko qofatti biqiltuu miiliyoona 400 ol dhaabuun naannoon keenya fuula seenaa haaraa irratti galmaa’uu dandeessistaniirtu.

Bara kanas muuxannoo bara darbee fayyadamuudhaan karoora dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa akka biyyaatti qabame milkeessuuf, Adoolessa 10, bara 2015 akka Naannoo Oromiyaatti biqiltuu miiliyoona. 481 dhaabuuf qophiin xumuramee jira.

Bu’uuruma kanaan, guyyaan Kun guyyaa irra deebiidhaan ummataafi naannoo keenyaa fuula seenaa haaraa irratti galmeessisiisnu waan ta’eef, ummanni keenya, ogeeyyin, hooggansiifi qooda fudhattoonni marri tokkummaadhaan baatanii karooricha akka milkeesitan maqaa kootifi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin waamicha isinii dhiyeessa.

Lafa qorqamaa dhalootaa dhufuf hin dhaalchifnu!

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.