Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Shimmalis Barataa Raajii Ashannaafii badhaasan

Finfinnee, Hagayya 25, 2014 (FBC) – Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdisaan Barataa Raajii Ashannaafii badhaasaniiru.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa dhalatoota barnootaafi teeknooloojii ga’umsuu karoorfatee hojii tarkaanfii haaraa hojjachaa jiraachuu Obbo Shimallis ibsaniiru.
Manneen barnoota Bu’uura Boruu kuma 3 fi 377, Ifa Boruu 100 fi Mana Barumsaa Bultii Addaa 7 ijaaruun barattoota miiliyonotatti lakkaa’aman barsiisaa jira.
Manneen barnootaa bultii addaa keessatti baratoonni afaan Faransaayi, Chaayinaa fi afaan Arabaa akka baratan taasiifamuu eeraniiru.
Bu’aa Mana barnootaa Bultii Addaa Waldaa Misooma Oromiyaa kan ta’e Barataa Raajii Ashannaafii isa tokko ta’uu himaniiru.
Barataa Raajii Ashannaafii qabxii seensa Yuunivarsiitii 647 fiduun akka Oromiyaattis ta’ee akka biyyaatti qabxii olaanaa galmeessuun Yuuniversiitii Saayinsii fi Teeknolojii Adaamaa seene.
Yuuniversiitii Adaamaattis qabxii olaanaa galmeessuun, gosa barnoota hundumaa A+ fiduun kan eebbiffamee dha.
Dhaloota beekumsaafi barnoota ammayyaan ga’oomsuun dorgomaa taasisuuf hojiin eegalame cimee itti fufa jedhan Obbo Shimallis.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.