Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaantiin Somaaliyaa Poolisii Federaalaa daawwatan

Finfinnee, Fulbaana 19, 2015 (FBC)- Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad Ityoophiyaatti Waajjira Olaanaa Poolisii Federaalaatti argamuun daawwannaa hojii taasisan.

Pireezidaantichi jila isaanii waliin wayita waajjiricha gahan Miseensota Manaajimantii Poolisii Federaalaan simannaan taasifameeraafi.

Daawwannaa booda Komishinara Komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el waliin dhimmoota humna poolisii biyyoota lameenii cimsuu dandeessisan irratti mari’achuu ibsameera.

Miseensonni Poolisii Somaaliyaa Yuunivarsiitii Poolisii Ityoophiyaa seenanii akka barataniif gaaffii pireezidaantichi dhiyeessan Jeneraal Dammallash fudhachuu eerameera.

Dhaabbileen poolisii biyyoota lameenii humna waloo nageenyaa cimaa hundeessuun naannawaa daangaarratti eegumsa waloo taasisuufi duula shororkeessummaa irratti eegalame cimsanii kan itti fufan ta’uu Jeneraala Dammallaash Gabramikaa’el ibsaniiru.

Pireezidaant Hasan Sheek Mohaammad gamasaaniin, riifoormii Poolisii Federaalaa FDRIn gaggeeffamaa jirutti gammaduu akkasumas hojiilee daawwatan irratti dinqisiifannaa isaanii ibsaniiru jedhame.

Yeroo itti aanutti Poolisiin Federaalaa Ityoophiyaa muuxannoosaa Poolisii Riippaabiliika Somaaliyaaf qooduun deeggarsa akka taasisu gaafachuu ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.