Fana: At a Speed of Life!

Pirojektiin Gorgoraa baatii sadiin booda tajaajila akka eegalu eerame

Finfinnee, Bitootessa 25, 2015 (FBC)- Pirojektiin Gorgoraa baatii sadiin booda tajaajila kennuu akka eegalu himame.

Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad qaama Pirojektii “Maaddiin Biyyaaf” ta’ee pirojektii Gorgoraa daawwataniiru.

Pirojektichi dimshaashumatti seenaa kaleessaa Ityoophiyaa, carraa har’aa fi mul’ata borii kan qabudha jedhaniiru.

Seenaan Gorgoraa walharkaa fuudhiinsa dhalootaa keessatti eegamuu dhabuun, surraa fi hawwattummaa dhabaa ture jedhan.

Pirojektichaanis naannawaan seena qabeessi kun irra deebiin akka haareffamu ta’uun kabaja duraanitti deebisu qofa utuu hintaane caalanii argamuu kan mul’ise ta’uu ibsaniiru.

Hojiin pirojektii Gorgoraan hojjetaman idaa’amuu dhalootaa kan argisiise ta’uu ibsuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.