Fana: At a Speed of Life!

Piroojektoota fayyadamummaa ummataa mirkaneessan xumuruuf hojiin hojjetamu cimee itti fufuu qaba – Obbo Ordiin Badirii

Finfinnee, Amajjii 30, 2015 (FBC) – Piroojektoota fayyadamummaa ummataa mirkaneessan xumuruuf hojiin hojjetamu cimee itti fufuu akka qabu Pireezidaantiin Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badiriin ibsan.

Mootummaan naannichaa raawwii hojii baatiwwan jahan darbanii gamaaggamaa jira.

Gabaasni raawwii hojii manneen hojii naannichaa bakka Obbo Ordiin Badiriin argamanitti dhiyaachaa jira.

Rakkoolee misoomaa, bulchiinsa gaarii, haqaa fi diimokiraasii hiikuuf waadaa ummataaf galle mirkanneessuun dirqama ta’uu qaba jedhan Obbo Ordiin.

Piroojektoota fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf hojjetaman xumuruuf xiyyeeffannoon kan barbaachisu ta’uu kaasaniiru.

Gamaaggamni raawwii hojii kun guyyoota lamaaf kan gaggeeffamu ta’uu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannicharraa argame ni mul’isa.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.