Fana: At a Speed of Life!

Pirootokooliin mirga dubartootaa Afrikaa dubartoota hundarratti hojiirra oola jedhame

Finfinnee, Hagayya 5, 2014 (FBC) – Pirootokooliin mirga dubartoota Afrikaa dubartoota ardichaa hundarratti hojiirra kan oolu ta’uu Pirezidaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen ibsan.

Pirezidaant Saahilawarq ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Pirootokooliin mirga dubartootaa irratti hojjetu Maapuutoo pirootokooliin guyyaa har’aa waggaa 19ffaa qabachuu ibsaniiru.

Hojiirra oolmaan pirootokoolichaa yeroo yerootti fooyya’aa dhufuus biyyoonni kan hin raggaasisne ta’uu eeraniiru.

Pirootokooliin mirga dubartootaa Afrikaa dubartoota ardichaa hundaarratti hojiirra ooluu akka qabu yaadachiisaniiru.

Pirootokooliin Maapuutoo waliigaltee hirmaannaa gama maraa dubartoota ardichaa mirkaneessuuf bara 2003 taasifamedha.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.