Fana: At a Speed of Life!

Poolisiin Federaalaa marii biyyaalessaa gaggeessa jira

Finfinnee, Hagayya 13, 2014(FBC)- Poolisiin Federaalaa koomishinarroota naannolee fi bulchiinsa magaalotaa kan hirmaachise marii biyyaalessa gaggeessaa jira.

Marii kanarratti Koomishinarri Jeneraalaa Dammallaash Gabiramikaa’eel, nageenyaa fi tikaa biyyaalessaa mirkaneessuuf tattaffii taasifamu keessatti waliigaltee waloo fi hojiirra oolmaan akka jiraatu kan tumsuudha jedhaniiru.

Bara 2015’tti ayyaanonni ummataa nagan akka kabajamaniif qindoominaan hojjechuu barbaachisa jedhaniiru.

Aggaammii shororkeessummaa naannawaalee biyyattii garaagaratti aggaamaman, Raayyaa Ittisaa biyya waliin fashaleessuun barbaachisaadha jedhan.

Hirmaattonni marichaa galtee marichaarraa argamu naannawaa isaaniitti hojiirra oolchuuf qophii barbaachisaa taasisuu qabus jedhan.

Karoora baatiiwwan sadan dhufaniirratti ni mari’atu jedhameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.