Fana: At a Speed of Life!

Affeerraa irbaataa preezdaant Isaayyaas….

Finfinnee, Muddee 17, 2012 (FBC) – Affeerraan irbaataa preezdaantii Eertiraa Isaayyaas Afawarqiif qophaa’e eda galgala Masaraa Mootummaatti mata duree “Boqonnaa seenaa waloo yaa kabajnu” jedhuun gaggeeffameera.

Preezdaant Isaayyaas guyyoota lamaaf Ityoophiyaa daawwatanii yammuu xumuran, kaleessa galgala affeerraan irbaataa qophaa’efira.

Affeerrichi preezdaant Saahilawarq Zawdee, muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad, itti aanaan muummee ministiraa obbo Dammaqaa Makoonnan, ministirri Ministeera Nageenyaa aadde Mufaariyaat Kaamiil, abbootiin amantaa fi hoggansi mootummaa biroon bakka argamanitti Masaraa Mootummaa Biyyoolessaatti gaggeeffameera.

Affeerraan irbaataa kun hariiroon biyyoota lamaanii waggoota 20f adda citee ture ega haaromeen boodaa fi muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad badhaasa Noobeelii Nageenyaa ega badhaafamaniin booda kan qophaa’edha.

Hojiileen aartii hariiroo Ityoophiyaa fi Eertiraa calaqqisiisanii fi cimsan dhiyaataniiru.

Preezdaant Isaayyaas turtii isaanii guyyootii lamaatin hojiilee misoomaa daawwataniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.