Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Isaayyaas daawwii isaanii Ityoophiyaa xumuruun gara biyya isaanii deebi’an

Finfinnee, Muddee 17, 2012 (FBC) – Preezdaantiin Eertiraa Isaayyaas Afawarqiin daawwii isaanii Ityoophiyaa xumuruun har’a gara biyya isaanii deebi’aniiru.
 
Preezdaantichi dheengaddaa eegalanii Ityoophiyaatti daawwii hojii taasisaniiru.
 
Turtii isaanitiin muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad waliin mari’ataniiru.
 
Hojiilee misoomaa fi indaastiroota Adaamaa, Bishoofruu fi Duukamitti argaman daawwataniiru.
 
Ityoophiyaatti Imbaasii Eertiraa haaraa ijaaruuf dhagaa bu’uuraas kaa’aniiru.
 
Preezdaant Isaayyaas jilasaanitiif simannaa taasifameef galateeffataniiru.
 
Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadii fi ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Gadduu Aandaargaachaw Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti argamanii gaggeessaa taasisaniifiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.