Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Shimallis Abdiisaan ergaa galateeffannaa dabarsan

Finfinnee, Fulbaana 23, 2014 (FBC)- Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan ayyaanni Irreecha Hora Harsadee karaa nagaa fi tasgabbii qabuun kabajamee xumuramuusaaf ergaa galateeffannaa dabarsaniiru.

Guutuun ergicha akka argamaan gadiitti dhiyaateera:-

Ayyaanni Irreechaa Hora Har-Sadee namoonni miiliyonaan lakkaa’aman irratti hirmaatan karaa nagaafi tasgabbii qabuun rakkoo nageenyaa tokko malee kabajamee xumuramuun isaa Malkaan Irreeffannaa Oromoo bakka araaraa, jaalalaafi dhiifamaa malee bakka jibbi itti lallabamuufi siyaasni murnaa itti geggeeffamu akka hin taane Oromoon sagalee tokkoon mirkaneessee jira. Karooraafi sochii humnoota farra aadaafi duudhaa Oromoo fashalse.

Ulfoon Oromoo safuufi safeeffannaan gaggeeffama. Kanaaf namuusni Irreecha Hora Har-Sadee irratti guyyaa har’aa calaqqise agarsiistuu guddaadha. Irreechi duudhaalee gabbatoofi boonsaa ta’aniin kan guutame ta’uun imala duudhaa keenya ganamaatti deebi’uuf taasisaa jirru daran kan saffisiisuudha. Malkaan Oromoo malkaa tokkummaan itti cimu, bakka duudhaan obbolummaa sabootaa itti leellifamu, bakka abdiifi hawwiin egeree itti lallabamu malee bakka sodaafi yaaddoo akka hin taane kabajni ayyaana Irreechaa Hora Finfinneefi Har-Sadee ragaadha. Duudhaan kun tuttuqqii kamirraayyuu bilisa ta’ee itti fufuu qaba jechuun barbaada.

Ummanni Oromoo akkuma kaleessa Irreechasaa dhiibbaafi tuttuqqaa irraa eegee dhaloota har’aan gahe duudhaa kana tiksee kunuunsee dhaloota itti aanutti akka dabarsu shakkii hin qabu.

Irreechi Hora Har-Sadee akkuma Hora Finfinnee karaa miidhagaa ta’eefi eenyummaa Oromummaa madaaluun akka kabajamu hoggansa Abbootiin Gadaafi Haadholiin Siinqee kennan olaanaadha. Ummanni Oromoos labsii Abbootiin Gadaa dabarsan guutummaa guutuutti hojiirra oolchuunsaa aadaa wal-dhageettiifi abboomiin ummatichaa daran guddachaa akka jiru akeeka.
Qeerroo, qarreefi Foolleen Oromoo waltaatanii ayyaanni kun nagaan akka kabajamu taasiftan galanni koo guddaadha. Caasaan nageenyaa Mootummaa Federaalaafi Naannoo Oromiyaa miira itti gaafatamummaa olaanaan nagaa ummata keenya tiksitan dhugaatti gaachana ummataa ta’uu keessan irra deebiin mirkaneessitan. Kanaaf ummanni keenya isiniin boona, yaaddoo tokko malee bobba’ee gala. Hoggansi mootummaafi miidiyaaleen milkaa’ina Ayyaana Irreechaa Hora Har-Sadee tumsitan galanni keessan dachaadha.

Dhumarratti baga jala bultii hundeeffama Mootummaa Federaalaan isin gahe jechuun barbaada.

Ob. Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.