Fana: At a Speed of Life!

Preezdaanti Saahilawarqi jila Gamtaa Awurooppaa ministeera dhimma alaa Fiinlaand durfamu waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 29, 2013 (FBC) – Preezdaanti Saahilawarqi Zawdee jila Gamtaa Awurooppaa ministeera dhimma alaa Fiinlaand durfamu waliin mari’ataniiru.
Gaggeessaan garee jilichaa peekaa Haviistoo deeggarsaa namoomaa fi qabiinsa mirga namoomaa naannoo Tigiraayii akkasumaas haala hidha haaromsaa irratti hooggantoota olaanoo Ityoophiyaa waliin mari’achuu fi gara Tigiraay imaluun haaloota ilaaluuf karoora akka qaban kaasaniiru.
Preezdaanti Saahilawarqi gama isaniin, mootummaan Ityoophiyaa dhaabbilee idila addunyaa fi mootumooleen akkasumaas miidiyaaleen idil addunyaa haala Tigiraay akka ilaalan taasisuu kaasaniiru.
Deeggarsa ilaalchisuun mootummaan Ityoophiyaa %70 ol qaqqabsiisaa akka jiru ibsaniiru.
Garichi turtii isaan waan irra gahe walakkaa baatii Eeblaa walgahii ministeeroota gamtichaaf akka dhiyeessu beeksiseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.