Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Traamp Imbaasii Ameerikaa haleellameef Iiraan gatii kaffalti jedhan

Finfinnee, Muddee 22, 2012 (FBC) – Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp Imbaasii Ameerikaa Iiraaqitti haleellameef Iiraan balaaleffatan.

Haleellaa xiyyaaraa Ameerikaatiin miseensi hidhattootaa tokko ajjeefamuu isaatin kanneen muufatan, hiriira bahuun Imbaasii Ameerikaa Iiraaqitti argamu gubaniiru.

Preezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp jala bultii ayyaana waggaa haaraa bara Faranjootaa ilaalchisuun ergaa karaa Twiitara isaanitiin dabarsaniin lubbuu namaa badee fi qabeenya manca’eef Iiraan gatii guddaa baasuuf jirti jechuun ibsaniiru.

Ministirri Humna Ittisaa Ameerikaa Maark Ispeer gama isaanitiin loltoonni Ameeerikaa 750 ta’an naannichatti akka bobbaafaman ibsaniiru.

Ameerikaan namoota keenyaa fi fedhii addunyaa kanarraa qabdu eessattuu ni tikfatti jechuun Twiitara isaanii irratti barreessaniiru.

Kanneen hiriira bahan dallansuudhan iddoo waardiyyaan keessa taa’u ibiddaan qabsiisanii bakka keessummoonni itti simataman caccabsaniiru.

Waardiyyoonni eegumsarra turanis gaazii imimmaanessu itti dhukaasaniiru.

Iiraan garuu himannaa Traamp haaltetti.

Himannaa dhiyeessanis kabajaa dhabiinsa jechuun balaaleeffattetti.

Haleellaa Ameerikaatin Dilbata darbe yoo xiqqaate hidhattoonni 25 kan ajjeefaman yoo ta’u, Waashiingitan lammii Ameerikaa humna waraanaa Iiraaq keessaa qabdu irratti haleellaa rokkeettiin ajjeefame haaloo bahuuf akka kana goote ibsite.

Muummee ministiraa Iiraaq Abdul Mahaadiin haleellaan Ameerikaa kun birmadummaa Iiraaq sarbeera jedhan.

Hoogganaan hidhattoota Katayib Hizbollaa Abu Mahaadii al-Muhaadis humnoota Ameerikaan Iiraaqii qabdu haleeluuf akeekkachiisera.

Maddi:-BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.