Fana: At a Speed of Life!

Preezdaantiin Eertiraa Isaayyaas Afawarqiin Sudaan daawwachaa jiru

Finfinnee,Waxabajjii 18,2012 (FBC) – Preezdaantiin Eertiraa Isaayyaas Afawarqiin Sudaan daawwachaa jiru.

Preezdaantichi affeerraa preezdaantii Mana Maree Sudaan Jeneraal Abdal Fattaah Al Buurhaanini Sudaan daawwachuuf gara Kaartuum kan imalan.

Preezdaant Isaayyaas guyyoota sadiif Sudaan kan daawwatan ta’as jedhameera.

Jilli Eertiraa preezdaant Isaayyaasin duurfame ministira Dhimma Alaa Oosmaan Saalah, gorsaa preezdaantii Eertiraa Yamaanah Gabra’aab kan hammatedha.

Jilichi turtii isaatin hariiroo biyyoota ollaa fi naannoo cimsuu, walitti dhufeenya Eertiraa fi Sudaan jabeessuurratti ni mari’ataan akka eegamu ministirri Ministeera Infoormeeshinii Eertiraa Yamaanah G/masqal ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.