Fana: At a Speed of Life!

Preezdaantiin Keeniyaa duraanii Daani’eel Araap boqatan

Finfinnee, Amajjii 26, 2012 (FBC) – Preezdaantiin Keeniyaa duraanii Daani’eel  Araap  Mooyi boqataniiru.

Preezdaantiin Keeniyaa duraanii Daani’eel Araap  Mooyi  umrii waggaa 95tti eda galgala du’aan addunyaa kanarraa boqataniiru.

Preezdaantiin Keeniyaa Uhuruyu Keeniyaattaan du’aan boqochuu Preezdaant Daani’eeliif gadda itti dhagaa’ame ibsaniiru.

Preezdaant Daani’eel  Araap  Mooyi Keeniyaa waggoota 24’f bulchaa turaniiru.

Erga Keeniyaan bara 1963 walabummaa ishee goonfattee Preezdaantii biyyattii lammaffaa ta’anii tajaajilaa turan.

Du’aa isaanii sababeeffachuun har’aa eegalee guyyaan  gadda biyyaalessaa biyyattitti labsameera.

Maddi:-BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.