Fana: At a Speed of Life!

Preezdaantiin Koree Fannoo Diimaa Idil Addunyaa Jigjigaa daawwatan

Finfinnee, Amajjii 5, 2012 (FBC) – Preezdaantiin Koree Fannoo Diimaa Idil Addunyaa Piitar Maawuraa giddugala deebisanii dhaabuu qamaa midhamtoota magaalaa Jigjigaa daawwatan.
 
Preezantichi daawwii isaanii Ityoophiyaa Jigjigaatti eegalaniiru.
 
Turtii isaanii naannoo Soomaaletiin, magaalaa Jigjigaatti kan argamu giddugala deebisanii dhaabuu qamaa midhamtootaa Fannoo Diimaa Idil Addunyaatiin deeggarsi taasifamuuf daawwataniiru.
 
Giddugalichi baatii Muddee darbe naannichatti qaama miidhamtoota deebisanii dhaabuuf kan banamedha.
 
Giddugalichi giddugaloota walfakkaatoo biyyattiirra jiran 10 fi korichaan deeggarsi taasifamuuf keessaa tokkodha.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.