Fana: At a Speed of Life!

Preezdaantiin naannoo Affaar Obbo Awwal Aarbaan Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Xaaliyaanii waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 30, 2014 (FBC) – Preezdaantiin naannoo Affaar Obbo Awwal Aarbaan Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Xaaliyaanii Agostiinoo Paalsee waliin mari’ataniiru.

Mariisaaniin sababa weerara garee shororkeessaan ABUT naannichatti gaggeesseen lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’an haala deeggaruun danda’amurrattii fi haala yeroorratti mari’achuu ragaan Waajjira kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Mootummaan Xaaliyaanii miidhaa  garee shororkeessaan ABUT Uummata Affaar irraan gahe ilaalchisee sadarkaa idil addunyaatti hojii beeksisuu hojjechuu Ambaasaaddara Xaaliyaanii Agostiinoo Paalsee ibsaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.