Fana: At a Speed of Life!

Projaktiin Kooyshaa hawwata turizimii addunyaa akka dabaluu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 20, 2013 (FBC) –Projaktiin Kooyshaa hawwata turizimii addunyaa akka dabaluu ibsame.

Projaktiin Kooyshaa hawwata turizimii addunyaa akka dabaluu fi sharafaa alaa akka argamsiisu Biiroon Aadaa, turizimii fi Ispoortii naannoo Kibbaa beeksise.

Guyyaan turizimii addunyaa sadarkaa naannoo Kibbaatti Godina Daawuroo aanaa addaa Kontaatti kabajamaa jira.

Hogganaan Biiroo Aadaa, turizimii fi Ispoortii naannoo Kibbaa obbo Haaylamaariyaam Tasfaayee akka ibsanitti ijaarsa projaktichaaf hojiin galii walitti qabuu raawwatamaa jira.

Paarkii biyyaaleessaa Cabaraa Curcuraa misoomsuuf hojiiwwan daandii dabalatee ijaarsa bu’uuraalee misoomaa biroo raawwataamaa akka jiru himaniiru.

Sadarkaa addunyaatti yeroo 33ffaaf sadarkaa naannootti yeroo 26ffaaf mata duree “misooma baadiyyaf” jedhuun kabajamaa jira.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.