Fana: At a Speed of Life!

Proojektiin daandii Malkaasaa – Matahaaraa, Abboomsaa, Asakoo – Diibuus rakkoo qindoominaatin harkifachuun ibsame

Finfinnee, Amajjii 12, 2012 (FBC) – Proojektiin daandii Malkaasaa – Matahaaraa, Abboomsaa, Asakoo – Diibuu qaamooleen dhimmi ilaallatu qindoominaan hojjechuu dhabuu isaaniitiin harkifachuun ibsame.

Koree dhaabbiin dhimmoota misooma magaalaa, konistiraakshinii fi geejjibaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI naannoo Oromiyaa godina Shawaa Bahaa fi godina Arsii proojektii daandii Malkaasaa – Mataharaa daawwateera.

Daandiin kun Birrii biiliyoona 1.2 hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, kiloo meetira 94 dheerata.

Ijaarsi daandii kanaa walakkeessa bara 2010 kan eegalame ta’uu itti waammamaan proojektichaa Injiinera Siisaay Jaagamaa dubbataniiru.

Proojektiin kun aanaalee 5 kan uwwisu yoo ta’u godinaalee lamaan walqunnamsiisa jedhameera.

Ijaarsi daandii kanaa dhaabbata biyya keessa ‘Niikoomaad Koonstiraashin’ jedhamuun waggaa sadi keessatti xumuramuuf waliigameet ture.

Hanga ammaattis kiloo meetira 55 irra ga’uu osoo qabuu kiloo meetirri 12 qofatu raawwatame jedhameera.

Ijaarsi daandichaa waggoota lamaaf sababa qabiyyee lafaa fi utubaa ibsaan osoo hin hojjetaman hafuu gorsan proojektichaa obbo Falmataa Atoomsaa dubbataniiru.

Sababa kanaan kiloo meetirri 50 dhaabbilee ijaarsaaf oso hin laattamni hafee jira jedhan.

Dhaabbileen ijaarsaa fedhiin isaan hojiif qaban gadi aanaa ta’uun hojichi haala barbaaddamuun akka hin raawwanneef sababa ta’uus obbo Falmataan koree dhaabbii kanaaf ibsaniiru.

Kaffaltiin beenyaa kaffalamee xumuramuu dhabuun hojichaaf gufuu guddaa ta’uu itti gaafatamaan proojektichaa obbo Eeliyaas Yitibaarak dubbataniiru.

Koreen dhaabbii kunis dhaabbileen kunneen haala waliigalteen hojjechaa akka hin jirree fi hojichaaf humna namaa fi meeshaalee barbaachisu hunda fayyadamee hojjechaa akka hin jirre daawwannaa taasiiseen hubachuu beeksiseera.

Daandichi komii bal’aa kaasa akka jiru kan ibse korichi qaamni dhimmi ilaallatu faayidaa ummataaf jecha ga’ee irraa eeggamu ba’uu akka qaban gaafataniiru.

Waliigala hanqinni mul’ate qindoomina dhabuu qooda fudhattoota hundaa ta’uu fi xiyyeeffannoo addaan hojjetamuu akka qabu dhaamuu isaa ragaan Mana Mare Bakka Bu’oota Ummataa FDRI argame ni agarsiisa.

Bifuma walfakkaatun proojektiin daandii Abboomsaa, Asakoo – Diibuus rakkina walfakkaatu kan qabu ta’uu korichi daawwannaa taasiiseen adda baaseera.

Daandiin kunis hanga ammaatti kiilo meetirri 60 osoo raawwachuu qabuu kiloo meetirri 20 qofti raawwachuun isaa ibsameera.

Proojektiin lamaan komii ummataa olaanaa ta’aa jiraachuun koreen qeeqee jira.

Waliigala hanqinni mul’ate qindoomina dhabuu qooda fudhattoota hundaa ta’uu fi xiyyeeffannoo addaan hojjetamuu akka qabu dhaamuu isaa ragaan Mana Mare Bakka Bu’oota Ummataa FDRI argame ni agarsiisa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.