Fana: At a Speed of Life!

Proojektoota daandii harkifanirratti mariin gaggeeffame

Finfinnee, Adooleessa 22, 2013 (FBC) – Waajjirri Muummee Ministiraa fi Ministeerri Geejjibaa haala raawwii proojektoota daandii harkifataan furuun danda’amurratti marii taasisaaniiru.
Marii kanarrattis qaamolee dhimmi isaan ilaallatu argamaniiru.
Gabaasni raawwii proojektoota daandii harkifatanii fi sababa isaa irratti xiyyeeffatuu dhiyaateera.
Dhimmoonni daangaa waliin walqabataan,gurma’insa humna namaa,galtee meeshaalee garaagaraa, humna raawwachisummaa kontiraaktarootaa fi qindoomina dhabuun dhaabbilee misoomaa sababoota gurguddoo ta’uu ka’eera.
Ministir Deettaan Ministeera Geejibaa obbo Kaasahuun Goofee proojektoonni raawwii fooyyaa’aa qaban baayyee jiraachuu ibsuun,akka waliigalaatti proojektoonni raawwii gad aanaa agarsiisaan 11 ta’uu dubbataniru.
Proojektoonni harkifatan kunneen yeroo jedhametti akka xumuramaniif qaamoleen dhimmi ilaallatu xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu eeraniiru.
Hanqinoonn jiran furamuun Proojektoonni kunneen hanga Fulbaana 30, 2014tti akka xumuraman kallattiin kennameera.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.