Fana: At a Speed of Life!

Qaala’iinsa gatii tasgabbeessuuf Qamadiin kuntaallii miiliyoonni 4 gara biyya keessaa galuu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 22, 2014 (FBC) – Qaala’iinsa gatii tasgabbeessuuf Qamadii kuntaala miiliyoona 8 alaa galchuuf karoorfame keessaa kuntaalli miiliyoonni 4 gara biyya keessaa galuu ibsameera.
Kuntaallii miiliyoonni 4 ammoo guyyoota 15 dhufu keessatti gara biyya keessaa kan galu ta’uu Korporeeshiniin Hojiilee Daldalaa ibseera.
Oomishichi giddu gala Korporeeshinichaa Adaamaa, Shashamannee, Dirree Dawaa,Bahaar Daarii fi magaalaa Finfinneetti kan raabsamu ta’uu hojii raawwachiisaa olaanaan Korporeeshinii Hojiilee Daldalaa obbo Aachaa Damissee ibsaniiru.
Guyyoota kudha shanan itti aanaan keessa akka raabsamuuf Koreen Hundaa’ee hordofaa jiraachuu himaniiru.
Qamadiin Birriin biiliyoonni 11 baasii itti ta’e kun daballii gatii Daabborratti muul’atuu fi hanqina jiru furuuf kan gargaaru ta’uu eeraniiru.
Haaluma walfakkaatuun Zayita Nyaataa gatii madaallawaan hawaasaaf dhiyeessuuf Korporeeshinichi qaamolee dhimmi ilaallatu waliin hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.
Maddi:-TOI
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.