Fana: At a Speed of Life!

Qaamolee Warqee gatii Baankii Biyyaalessaa oliin bitanirratti tarkaanfiin ni fudhatama – Obbo Ashaadilii Hasan

Finfinnee, Bitootessa 23, 2015 (FBC) – Naannoo Beenishaanguul Gumuzitti qaamolee Warqee gatii Baankii Biyyaalessaa oliin bitanirratti tarkaanfiin kan fudhatamu ta’uu Pireezidaantiin naannichaa Obbo Ashaadilii Hasan ibsaniiru.

Jilli Obbo Ashaadilii Hasaniin durfamu aanaa Mangeetti naannawaa Warqeen itti oomishamu daawwachuun kallatti yeroo itti aanuu kaa’eera.

Sababa namoonni karaa seeraan alaa Warqee daddabarsan heddummataniif Warqeen gara Baankii Biyyaalessatti ergamu hir’achuu Obbo Ashaadiliin ibsaniiru.

Qaamolee karaa seeraan alaa Warqee gatii Baankii Biyyaalessaa oliin bitanirratti tarkaanfiin seeraa kan fudhatamuu hubachiisuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.