Fana: At a Speed of Life!

Qajeelfamni COVID-19 ittisuuf  ba’ee hojiirra oolu eegale

Finfinnee, Bitootessa 20, 2013 (FBC)- Qajeelfamni vaayrasii koroonaa ittisuuf  ba’ee hojiirra oolu eegaleera.

Ministeerrii Fayyaa fi Abbaan Alangaa Waliigalaa Federalaa Sanbata darbe ibsa gaazixeessitootaaf laataniin weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf sochii namootaa fi hawaasaarratti qajeelfamnii dhorkii ka’uu fi yakkaan gaafachiisuu ifoomeera.

Qaamoleen qajeelfamicha darban adabbii hidhaa hanga waggaa 3 ga’uu fi adabbiiwwan biroon adabamuu akka danda’an Abbaan Alangaa waliigalaa beeksiseera.

Akkaataa qajeelfamichaan namni vaayrasichi irratti argamu kamiiyyuu gara biyya keessaa akka hin galle dhorkameera.

Namni dhuunfaan vaayrasichaan qabame kamiiyyuu gara hawaasatti akka hin makamnee, dirqama ta’ee argamnaan of eeggannoo barbaachisuu taasiisuu akka qabu, tuttuqaa vaayrasicha dabarsuu danda’u taasiisee argamnaan seeraan kan gaafatamu ta’a jedhame.

Iddoo kamittuu hagguuggii fuulaa malee socho’uun dhorkaadha jedhameera.

Dhaabbileen tajaajila laatanii fi dhaabbileen daldalaa qaama haguuggii fuulaa hin godhanneef tajaajila akka hin laanne qajeelfamichi kan dhorku ta’uu ibsameera.

Sosochii geejjibaa, Ispoortii fi walga’iin hawaasummaa fi kanneen biroo dambii dhaabbileen dhimmichi isaan ilaallatu baasaniin hojiirra oola jedhame.

Waltajjiin kamiiyyuu qaamni walitti qabu haalduree weeraricha ittisuuf barbaachisaan guutuun iddoo tokkotti lakkoofsa hirmaattoota 50 hin caalleen akka ta’u murtaa’eera.

Haalli dirqisiisaan muuddannaan Ministeera Nageenyaa fi Fayyaa akka beeksiisan qajeelfamichi kaa’eera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.