Fana: At a Speed of Life!

Qonnaan Bultoonni kumni 1 fi 500 Buna gabaa alaatti erguuf eeyyama daldalaa argatan

Finfinnee, Caamsaa 8, 2014 (FBC) – Qonnaan Bultoonni kumni 1 fi 500 Buna gabaa alaatti erguuf eeyyama daldalaa argachuu ibsameera.
Cancala daldala bunaa gabaabsuu fi sirni gabaa mijataan uumuuf Qonaan bultoonni kumni 1 fi 500 eeyyama daldala Buna gabaa alaatti erguuf isaan dandeessisu argachuu Abbaan Taayitaa Bunaaf Shaayii Ityoophiyaa beeksiseera. Qonnaan bultoonni eeyyama daldalaa fudhatan kanneen harki caalaan isaanii oomisha isaanii kallattiin gabaa alaatiif dhiheessaa jiraachuu Itti aanaa Hogganaan Abbaa Taayitichaa obbo Shaafii Umar ibsaniiru.
Rakkoolee seektaricha keessa turan furuun haalli mijaawaan uumamuusaatiin qonnaan bultoonni, dhiheessitoonni fi ergitoonni karaa haqa qabeessa ta’een qooda isaanii akka argataniif carraan uumamuus himuu isaanii DhPI gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.