Fana: At a Speed of Life!

Qonnaan bultoonni Kutaa Magaalichaa waan danda’an hundaan Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaruuf qophii ta’uu ibsan

Finfinnee, Sadaasa 17, 2014 (FBC)- Qonnaan bultoonni magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Boolee waan danda’an hundaan Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaruuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Qonnaan bultoonni Kutaa Magaalichaa haala yeroorratti marii taasisaniiru.

Birmadummaa biyyaa eeguuf wal ijaarree naannoo jiraannu eeguurraa ka’uu qabna jedhan.

Biyya baraaruuf Muummicha Ministiraa Abiy Ahimad fi Raayyaa Ittisa Biyyaa  bira dhaabbachuun gahee isaanii ba’uuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Nageenya mallee ijoollee keenya guddifachuu, jiruu fi jireenya keenya tasgabbiin geggeeffachuun waan hin danda’amneef mootummaa waliin taanee nageenya keenya ni eegganna jedhaniiru.

Yeroon amma keessa jirru yeroo biyyonni Lixaa mootummaa ummanni filate kaasuun qaama isaaniif ergamu ka’achuu barbaadan waan ta’eef harka mirgaa ABUT ta’anii hojjetaa waan jiraniif kaayyoon isaanii kun akka hin milkoofneef tokkummaan dhaabachuun akka barbaachisu hojii geggeessituu olaantuu kutaa magaalichaa aadde Alamtsaaye Shifarraaw marichaan ibsaniiru.

Dhumarrattis caasaa nageenyaa, geggeessitootaa fi hawaasa keessa qaamoleen rakkoo qaban jiraachuu waan malaniif, ummanni odeeffannoo qabatamaa kennuun of keessaa saaxiluu akka qabu dhaamaniiru.

Maddi :- Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.