Fana: At a Speed of Life!

Qorannaa sa’aa 24tin namoonni 164 vaayrasii koroonaatin qabamaniiru

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2012 (FBC) –Qorannaa sa’aa 24 gaggeeffameen namoonni 164 vaayrasii koroonaatin qabamuu Ministeerri Fayyaa beeksise.
 
Sa’aa 24 darbe keessatti qorannaan samuudaa 6630 hojjetameera jedhan ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan.
 
164 keessaa 117 dhiirota yoo ta’an, 47 dubartoota.
 
Umriin isaaniis waggaa 1 hanga waggaa 92 keessatti kan argamu ta’uu Dooktar Liyaan beeksisaniiru.
 
163 lammiilee Ityoophiyaa yoo ta’an, 1 lammii biyya alaatis jedhan.
 
Namoota vaayrasichi irratti argame 164 keessaa 104 Finfinneerraa, 26 naannoo Somaalee, 22 naannoo Amaaraa, 4 naannoo Tigraay, 4 naannoo Kibbaatii,2 naannoo Oromiyaa, 1 naannoo Hararii, 1 naannoo Beenishaanguul Giimzi.
 
Weerarri vaayrasii koroonaa Ityoophiyaa ega seenee har’a baatii 3ffaa lakkoofsiseera.
 
Baatiiwwan lamaan duraatti namoonni vaayrasichaan qabaman 250 yoo ta’an, baatii tokko darbe keessatti garuu 2420 qaqqabeera.
 
Ityoophiyaan amma ammaatti qorannaa samuudaa 165151 gaggeessiteetti.
 
Kanaanis namoonni 2670 vaayrasichaan qabamuun mirkanaa’era.
 
Amma ammatatis lubbuun namoota 40 darbee, 434 dandamataniiru.
 
Waliigalaan amma vaayrasichi kan irra jiru namoota 2194.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.