Fana: At a Speed of Life!

Qormaanni biyyaalessaa dhaabbilee Federaalaa keessatti qofa akka laatamu murtaa’e

Finfinnee, Eebila 10, 2014 (FBC) – Qormaanni biyyaalessaa dhaabbilee Federaalaa keessatti qofa akka laatamu murtaa’uu Ministeerri Barnootaa beeksiise.
Hanna qormaataa, walirraa waraabuu fi rakkoolee biroo hambisuuf kana booda qormaanni biyyaalessaa manneen barnootaa keessatti osoo hin taane dhaabbilee federaalaa keessatti qofa akka laatamu murtaa’uu Ministirri Ministeera Barnootaa Proofeesar Birihaanuu Naggaan ibsaniiru.
Waggoottaan shanan dhufan keessa qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojjetamaa jira kan jedhan Ministirichi, rakkoolee qormaata biyyaalessaa waliin walqabatee ka’u hambisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
Qormaata biyyaalessaa bara 2014f Taabileetiwwan miiliyoonni 1 kennamaa jiraachuu ibsa laataniin himaniiru.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.