Fana: At a Speed of Life!

Qulqullinaafi oomishtummaa Buna Harargee guddisuuf  hojjetamuu qaba jedhame

Finfinnee, Sadaasa 15, 2015(FBC)- Qulqullinaafi oomishtummaa Buna Harargee guddisuuf ogeessonniifi hooggantoonni sadarkaan jiran xiiqiin hojjechuu akka qaban Ittaanaan Hoogganaafi Itti gaafatamaan Damee Misooma Bunaafi Muduraa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Mahaammadsaanii Amiin dhaaman.

Bara kana buna qulqullinaafi baayyinaan gabaa alaatti erguuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Hoggantoonni olaanoon federaalaa, naannoo, godinaafi qooda fudhattoonni sanyii bunaa fooyya’oo maasii qonnaan bulaafi Giddugala Qorannoo Machaaraa keessatti baayyifamaa jiru daawwataniiru.

Oomishtummaafi qulqullina buna Harargee sababoota garaagaraan gadi bu’e furuuf qooda fudhattoota waliin mareen gaggeeffamuus eeramera.

Biqiltuuwwan bunaa dulloman sanyii filatamoo dhukkuba dandamataniifi oomishtummaan isaanii olaanaa ta’een bakka buusuurratti ogeessonniifi hooggantoonni sadarkaan jiran xiiqiin hojjechuu akka qaban Obbo Mahaammadsaaniin dhaamuu ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Daayrektarri Olaanaan Abbaa Taayitaa Bunaafi Shaayii Dooktar  Addunyaa Dabalaa gamasaaniin, karoora al-ergee bunaarratti akka biyyaatti qabame milkeessuuf qonnaan bultoonni misoomaafi qulqullina bunaarratti xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban ibsuun, gabaa bunaarratti rakkoolee jiran furuuf xiyyeeffannoon kanhojjetamu ta’uu eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.