Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaan haleella Moskoo ilaalchise Ameerikaarratti qorannoo shororkeessummaa eegaluu ibsite

Finfinnee, Bitootessa 23, 2016 (FBC)- Koreen Qorannoo Raashiyaa Haleellaa Moskootti raawwate ilaalchisee Ameerikaa fi biyyoota Lixaarratti qorannoo shororkeessummaa eegaluu beeksiste.

Korichi har’a akka ibsetti, Yuukireen qindeessiteetti jedhamuun kan shakkamtu, haleellaa shororkeessummaa Moskootti raawwateen walqabatee harki Ameerikaa fi biyyoota Lixaa keessa jiraachuu mirkaneessuuf qorannoo eegalteetti.

Sadarkaa jalqabaatti haleellicha gurmeessuu, deeggarsa faayinaansii taasisuu fi haleellichi akka raawwatu ajaja kennuun hirmaachuu fi hirmaachuu dhabuu akka mirkaneessuu korichi ibseera.

Akka gabaasa RT’tti Miseensa Paarlaamaa Raashiyaa kan ta’an Nikoolaay Kaaritoonoov, Magaalaa Kiroskitti haleellaa shororkeessummaan Ameerikaa fi biyyoonni Lixaa ittiin daldaluun buufataniiru jedhan.

Haleellaa Raashiyaa Moskootti raawwatame kanaan namoonni 140 ol yoo du’an, 100 ol kan ta’an ammoo madaa’uun eerameera.

Haleellichaan kanneen shakkaman 12 to’annoo jala yoo oolfaman, shakkamtoota afur irratti ammoo himanni shororkeessummaa banamuun kan yaadatamuudha.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.