Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaan Hariiroo Kooriyaa Kaabaa waliin qabdu cimsite itti fufti – Putiin

Finfinnee, Hagayya 9, 2014 (FBC) – Raashiyaan Hariiroo waloo Kooriyaa Kaabaa waliin qabdu cimsitee kan itti fuftu ta’uu Pireezidaanti Putiin ibsan.
Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin guyyaa bilisummaa Kooriyaa Kaabaa ilaalchisee Xaalayaa Pireezidaantii Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Uuniif barreessaniin, Raashiyaan hariiroo Kooriyaa waliin qabdu cimsuun faayidaa biyyaalessaa biyyattii kabachiisa jedhan.
Kiim Joong Uun gama isaaniin, tumsi waraanaa biyyoota lamaanii waraana addunyaa 2ffaarratti qaban Jaappaan injifachuu keessatti qooda olaanaa qaba ture jedhan.
Kunis michummaa biyyoota lamaaniif ka’umsa ta’uu kaasaniiru.
Hariiroon biyyoota lamaanii damee hundaan cimee kan itti fufu ta’uus kaasaniiru.
Maddi:-CGTN
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.