Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaan qoqqobbiin Maaliirra ka’ame akka dheeratuu yaada murtoo dhiyaate mormite

Finfinnee, Hagayya 25, 2015 (FBC) –Raashiyaan qoqqobbii Maaliirraa ka’aame akka dheeratuuf yaada murtoo Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniif Faransaayiin dhiyaate kufiste.

Maaliitti loltoota Juntaan Pireezidaantii biyyatti Baabookar Keetarraa fonqolchi mootummaa gaggeefamuun walqabatee qoqqobbiin Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin irra ka’amuun kan yaadatamuudha.

Turtiin qoqqobbichaa guyyaa kaleessaa xumuramuu isaa hordoffee Faraansayii fi Emeretoonni Araba Gamtoomanii qoqqobbiin Maaliirraa ka’ame akka dheeratuuf gaafatanis, Raashiyaan mirga sagalee sagaleen kuffisuu qabduun yaada murtoo dhiyaatee kuffistetti.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Ambaasaaddarri Raashiyaa Vaazilii Nebeenziyaa, yaadni murtoo biyyoota kanneeniin dhiyaate fedhii Mooskoo fi Bamaakoo kan hinbu’uureffanne jedhan.

Yaadni murtoo Faraansaayii fi Emeretoota Araba Gamtoomaniin Maaliirratti dhiyaatee akka ragga’uuf sagaleen biyyoota 13’n kennamuu qabaatus, mirga sagalee sagaleen kuffisuu kan qabdu Raashiyaan yaadicha kufaa taasisteetti.

Chaayinaan yaada murtoo kanaarratti sagalee osoo hinkennin hafuus RT’n gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.